DNA

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i
Fakki DNA

Deoxyribonucleic Acid yokan DNA kan jedhamu kuni gosa Nucleic Acid yoo ta'u genetic instruction guddina fi jireenya waantoota lubbuu qabaniif fayyadu of keessa qaba. Hojiin guddaan DNA information yeroo dheeraaf of keessatti kuusee qabata. DNA'n Blueprints wajjiin walitti madaalama, kunis DNA'n ajaja akkaataa qophii wantoota seelii keessatti argaman kan biraa akka pirootiinii fi RNA molecules of keessaa waan qabuufi. Kutaan DNA kan odeeffannoo kana qabatan jiinii jedhamu.

Akka keemikaalaatti yoo ilaalan DNA'n Polymer dheeraa yoo ta'u, of keessatti wantoota xixiqqoo Nucleotides jedhaman qabata. Nucleotidotni kun immoo, shukkaara fi "gareewwan foosfeetii Ykn phosphate group"n wallitti qabamani. Shukkaarri hundaa wajjin Baseotta afuurenni kessa tokko walitti qabame argamma.