Yunaayitid Isteetsi

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i
Yunaayitid Isteetsi (Oromoo)
Flag of United States.svg Great Seal of the United States (obverse).svg
USA orthographic.svg


Ballina 9 373 967 km²
Baayyina ummataa ()
Tuuta'insa ummataa /km²
Faaruu
Koodii lakkoofsa bilbilaa +

Yunaayitid Isteetsi‎ (Tokkummaa Koonyoota Ameerikaa) biyya federaalaa dhihaa hemisferii yoo taatu bulchiinsa naannoo 50 fi "territory" (biyya akka odolaa) bayye of kessa qabdi. Magaalaa guddaan USA Waashingiten D.C. dha. Bulchiinsi naannoo (state) afurtami sadetti kan Ameerikaa Kaabaatti gidduu Garba Paasifiik fi Garba Atilaantiikitti kan argaman yoo ta'an, kaaban biyya Kanaadaatin, kibbaan Meeksikoon dangefamanii argamu. Bulchiinsi naannoo (state) birra laman immo Alaaskaa fi Hawaayii dha. Alaaskaan kaaba-dhihaa ardii Ameerikaa Kaabatti argamtu yoo taatu bahaan immo Kanaadaan dangeffamte argamti. Hawaayiin immo jiddu Paasifiikitti argamti.

Ballina lafa 3.7 million square miles caalu (9.6 million km² callu) fi bayyina ummatta millionna 300 olii qabachuun, United Statesiin adunya kessa ballina lafan walii-gallatiin sadaffa yokan afuuraffa (Chaayinaa fi USA irra kam akka caalu hanga amma hin beekamu) gubbatti kan argamtu yoo tattu, ballina lafa qofaan fi bayyina ummatan sadaffa irratti argamti. Ummatti America walitti qabama ummatta adunya "immigration"iin dhufan yoo ta'u, kuni immo akka isaan adaa garagara ta'e akka qabattan sababa ta'erra. USAn addunyaa keessaa biyyoota ummatta adaa fi akka jirenya gosa gossa ofii kessa qaban keessa tokko dha. United Statesiin addunyaa keessaa diinagdee biyyaatin GDP trillion $13 fi "gross world product" parsentii 22% qabachuun tokkoffa irratti argamti. "GDP per capita"n yoo ilaalani immo USAn sadarkaa sadaffa fi sadetteffa irratti argamti.

Biyyi kun kolonii kudhan-sadeen Gireet Biriiten walitti qabatte, kolonoonni kuni immo billisumma isaani kan argattan "Declaration of Independence" ifa gochuun, kunis kan ta'e bara 1776, Waxabajjii 4tti (July 4). Constitution hardha kan itti argattan Fulbaana 17, 1787 yoo ta'u, achiin bodda "amendment" 27 bassu danda'anirru. Biyyi kun kan lafan babalatte bayyinan century 19ffa irratti, kunis biyyotta kan irra lafa fudhachudhan - Firaansi, Meeksikoo, Ispeen fi Raashiyaa. Achiin bodda United States biyyoota humna baayye qaban lamman kessa tokko ta'u dandeetterti, kunis Waraana Addunyaa II keessatti waan USn goote fi akkasumas Meeshaa Niyuukileerii (Nuclear weapon) isheen qabdu irra ka'erra. Ergaa Soviet Union kuftee booda, USAn humna addunyaa keessaa jabenyaan haftee tokkitti qoffa ta'u dandeesse. Akkasumas addunyaa keessatti diinagdee, siyaasa, aadaa fi Militaryiin adunya kessatti dursuni itti fufu jirtii.